Sabonttonni Oromoo bara qabsoo qindaa’aa eegalan irraa kaasee hojiin siyaasaa ijoon itti milkaahan tokko Oromoo sirnoonni gita bittaa lagaa fi gandaan qoqqooddanii facaasan, deebisanii saba tokko gochuu danda’uu isaaniiti. Bara 1991, hanqina isaa waliin, daangaan Oromiyaa yeroo sararamu, Oromiyaan har’aa hundee tokkummaa Oromoo kan sabboontonni Oromoo ijaaran kana irra dhaabbate. Afaan Oromoo fi Dhaloonni Qubees hundee kana irraa dagaagan.
Namni dhiiga Dhaloota Qubeen aangootti bahe Abiy Ahmed, duulli inni jalqaba eegale hundee tokkummaa Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa irratti ta’uu hunduu ni yaadata. Karoorri Oromiyaa yeroo gabaabaa keessatti diiganii bittinsuu kun diddaa Waraanni Bilisummaa Oromoo bara 2018 irraa kaasee taasiseen hojiitti seensisuun dadhabame. Bara 2020 irraa kaasee immoo waraanni kaabaa itti dabalamee, utubaaleen aagoo Abiy Ahmed kan waraanaa, dinadgee fi haariiroon alaa laamsha’uu isaaniin, karoorri Oromiyaa bittinsuu kun fuulduratti dhiibame. Ji’oota muraasa dura, Abiy Ahmed ajandaa Oromiyaa bittinsuu kana maqaa “gola” jedhuun as baase. Har’ammoo, yeroo qalbiin Oromoo waraana dhihoo babbal’ateen qabamee jira jedhee amanetti Oromiyaa golaan cicciruun ifatti akka labsamu taasisee jira.
Kaayyoon caasaa golaa, kan amma godina jedhamee, ifa. Jalqaba Oromoo Gandaan sararuu dha. Sun labsii dhihoo Shimalis Abdiisaa akka baasu ajajameen rawwateera. Kan itti aanu Jala-kaattota gandoota jaha kana bulchuuf ramadaman “aangessine” jechuun, namoota golaa fi gandaan caasaa ofii jalatti sassaabanii akka wal ijaaran gochuu dha. Sana booda Oromoon golaan fi gandaan wal morkachaa gara naannoo of danda’eetti akka adda bittinaahu karaa mijeessuu dha. Gabaabumatti, Abiy Ahmed gandummaa Qabsooon Oromoo irra aanee as gahe, qotee as baasuun caasaa mootummaa itti horee, bajeta itti ramadee, waraana itti ijaaree guddisuun, Oromoo adda facaasuu ifatti rawwachaa jira.
Labsiin kun yeroo guutummaatti hojiitti seenu, mo’icha Qabsoon Bilisummmaa Oromoo waggoota jahataman darban argate hundumaa duubatti deebisa. Abiy Ahmed diina Oromoo, Oromummaafi Oromiyaati kan jennu kanaafi. Oromiyaa dhiigaan ijaarre, dhiigaan tikfanna! Ilmaan Oromoo dhimmi kun hunda keenya waan ilaallatuuf lafa jirtan hunda irraa caasaa ofii qabdaniifi kallattii Waraanni Bilisummaa Oromoo kaahuun hojii diigumsaa kana dura tokkummaan akka dhaabbannu dhaamsa keenya dabarsina.
Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Fulbaana 30, 2026
Oromia


