Biyyattiin harka bulchiinsa abbaa irree fi duguuginsa sanyii Bilxiginnaa jalatti erga kuftee jalqabee, mallattoon ishee waraana, duguuginsa sanyii fi du’a, akkasumas hiyyummaa daangaa hin qabnee ta’ee jira. Biyyattiin biyya seerri fi sirni keessatti diigame, miliyoononni hiyyummaa hammaataa keessa bu’anii fi buqqa’an, abdiin isaan keessaa bade, waraanoonni adda addaa kan keessatti labsamanii fi akka biyyaatti biyya kufte ta’uu bira dabartee diigamuuf qarqara kan jirtu, akkasumas nannoo Gaanfa Afrikaattis ta’e, addunyaa irratti dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi dippilomaasii keessatti kan qophxooftee fi dhaga’amummaa dhabde taatee jirti.
Sirni kun kan himata wal-dhahuu fi caasaa farra uummataa ta’erra kan dhaabbate, sababaa fi dhugaa, wal-qixxummaa fi hirmaachisummaa uummataa, haqaa fi bilisummaa, kabaja uummataa fi bilisummaa biyyaa waliin kan walitti bu’e, daandiiwwan nagaa fi ijaaraa ta’an kan hin hordofne waan ta’eef, waraana biyyaa fi uummata nyaachaa jiru dhaabuu, nagaa waaraa fiduu, mirga fi bilisummaa lammiilee mirkaneessuu, seeraa fi sirna kabachiisuu, gidiraa fi dararaa uummataa akkasumas hiyyummaa fi boodatti hafummaa hambisuuf fedhii fi dandeettii hin qabu. Bulchiinsi abbaa irree fi duguuginsa sanyii raawwatu kun kaayyoo isaa isa hammeenyaa galmaan ga’uuf humnoota alatiif qaxaramaa (ergamaa) ta’uun faayidaa uummataa gurguruun biyyattii ergamtuu fi hirkattuu taasisee jira.
Kanaafuu, jiraachuun ummatoota keenyaa kan nu yaaddessu humnoonni uummataa, sirna kana kuffisuun jiraachuu uummataa kabachiisuu fi sirna haaraa ijaaruuf itti gaafatamummaan seenaa nurratti kufeera. Labsii waraanaa nu irratti labsame waliin ittisuun, hojiin seena qabeessaa fi galmi jalqabaa humnoota uummataa, sirna abbaa irree duguuginsa sanyii Bilxiginnaa kan jiraachuu uummata keenyaa fi nageenya biyyaa balaa keessa buuse maqsuun, chaartara ce’umsaatiin kan durfamu mootummaa ce’umsaa hirmaachisaa ta’e akka hundeeffamu gochuun, boqonnaa ce’umsaa haaraa mirgi namoomaa fi dimokraasii lammilee hundaa utuu hin hir’atin akka mirkanaa’u dandeessisu taasisuu dha.
Kaayyoon ijoo boqonnaa ce’umsaa kufaatii Bilxigiinnaa booda banamuus:
1. Jiraachuu uummataa fi nageenya biyyaa deebisuu, waraana hunda dhaabuu, mirgoota namoomaa fi dimokraasii mirkaneessuu, nagaa fi nageenya eegsisuu, cabiinsa jireenya hawaasummaa fi dinagdee tasgabeessuu, hariiroo biyyoota ollaa waliin jiru fooyyessuu fi dhaabbii naannoo fi idil-addunyaa biyyattii sirreessuu;
2. Nagaa biyyaa fi jiraachuu uummataa itti fufsiisuuf jecha,Marii Heera Mootummaa (Constitutional Dialogue) kan haqa-qabeessa, amanamaa, uummataa fi hundaa hirmaachise gochuun gaaffiileen siyaasaa ijoo uummataa fi biyyaa hirmaannaa kallattii uummataatiin deebisuu ta’a.
Kanaafuu, bulchiinsa abbaa irree fi duguuginsa sanyii Bilxiginnaa maqsuuf, jiraachuu fi nageenya uummata keenyaa mirkaneessuun, mootummaa ce’umsaa hirmaachisaa ta’e akka hundeeffamu gochuuf humna caasaa uummataa fi jaarmiyoota keenyaa qindeessinee boqonnaa ce’umsaa dimokraasii haaraa banuuf fi garaagarummaa jiduu keenya jiru fedhii bilisaa uummattoota keenyaa, qajeelfamaa fi sirna seeraa irratti hundaa’uun karaa nagaatiin hiikuuf, humnoonni maqaan keenya armaan gaditti tarreefame, kuniis:
1. Amhara Fano National Movement (AFNM)
2. Adda Bilisummaa Oromoo – Waraana Bilisummaa Oromo (ABO- WBO)
3. Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF)
4. Adda Bilisummaa Uummata Ogaadeen (ONLF)
5. Adda Warraaqsa Tokkummaa Biyyaaleessaa Afaar (Ugugumo)
6. Sochii Bilisummaa Uummata Benishangul (BPLM)
7. Sochii Dimokraasii Uummata Gumuz (GPDM)
Tumsa waliinii Tumsa Humnoota Ummatoota Itoophiyaa (Gabaabatti: Tumsa Ummatoota Baraaruu) jedhamu hundeeffannee jirra.
Carraaqqii fi bu’aa ba’ii hedduu booda uummatni Itoophiyaa hawwiidhaan eegaa kan ture tumsa guddaa fi murteessaa kanaan ga’uu keenyatti gammachuu keenya ibsaa, waamichaa armaan gadii carraa kanaan dabarsuu feena.
Lammilee hundaaf, waldaalee siivikii fi dhaabbilee siyaasaatiif: Sirni kun humna jiraachuu uummatoota Itoophiyaa hundaa balleessuuf murteessee ka’e ta’uu hubachuudhaan, kaayyoo fi daandii qabsoo tumsa kanaa kan fudhattan humnoonni uummatoota Itoophiyaa, waldaaleen siivikii fi dhaabbileen siyaasaa qaama michuu qabsoo ummattoota keenya baraaruu akka taatan waamicha keenya kabajaa waliin dhiyeessina.
Humnoota hidhattootaa fi hoggantoota sirnichaatiif: Sirni isin tajaajiltan uummata hunda irratti balaa jiraachuu kan aggaame, farra ummataa, farra nagaa, farra dimokraasii fi kan duguuginsa sanyii raawwatu ta’uu hubattanii, yeroon utuu isin jalaa hin dhumatiin ummata keessanii fi biyya keessan oolchuuf qabsoo taasifamu keessatti michuu fi qaama akka taatan waamicha keenya dhiyeessina;
Biyyoota ollaa, biyyoota Afrikaa fi hawaasa idil-addunyaatiif: Sirni duguuginsa sanyii raawwachuun aangoo irra jiru uummata irraa kan addaan ba’e, Itoophiyaas ta’e Gaafa Afrikaa keessatti nagaa fi tasgabbii fiduuf dandeettis ta’e fedhii kan hin qabne, qabsoo uummataatiin aangoo irraa dhabamsiifamuuf kan dhiyaate ta’uu hubachuun, ummattoota, haqa fi dimokraasii cinaa akka dhaabbattan waamicha dhiyeessina.
Tumsa Humnoota Ummatoota Itoophiyaa Baraaruu
Fulbaana 20, 2026
#Oromia #Ethiopia


