Godina Baha Harargee aanaa Baddaannoo keessatti deggersa Raayyaa Ittisaa Impaayera Itoophiyaa jechuun dirqiin maallaqa guuraa fi kan dhabe reebuun hidhaa jiru.
ONM-ABO Fulbaana 9, 2022 Murni aangoo irraa jiru bilxiginnaan lola uummata Oromoo fi WBO irratti baneen kufaatii dinagdee irraa osoo hin bayyaannatin marsaa sadeessoof lolli kaaba impaayerattii deebi’ee dhohuun mootummichatti yaaddoo uume jira.
Gareen dheebuu aangoo qabu bilxiginnan maallaqa ittiin waraana isaa sochoosu dhabuun dirqiin uummata irra guuruu akka haaraatti kan eegale yoo ta’u torban kana godina Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa hunda keessa qarshii 300 afaan qawween sodaachiisun funaannachaa jiru.
Dabballootni fi milishootni sirnichaa akka maallaqa funaananiif uummatatti bobbaafaman kun namoota mallaqa hin qabne loon jala ooffachuun kan loon hin qabne reebicha irraan ga’uun hidhaa jiraachuus jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himanii jiru.
Saamichi maqaa deggersaa moggaafate kun araddaa Hincinnii keessatti haalaan kan hammaate ta’u jiraattonni himuun; namootni akka Awwal Usmaa’il, Jamaalee Abbaas , Caalaa Bakaree fi kanneen biroon qarshii kennan dhabuun hidhamanii jiraachuus dabaluun addeessanii jiru.
Jiraattoonni araddaa Hincinnii uummata Oromoo aanaa Baddannoo araddoota akka Odaa Bishaanii, Hara Dannabaa fi Burqaa Badhaasoo keessaa sababa hongeen itti jabaateef buqqa’anii gargaarsa dhaban ofitti fudhachuun gargaaraa kan jiran yoo ta’u, saamtonnii aantummaa uummata hin qabne ummata ofiifuu deggersa barbaadu maallaqa irraa saamuun isaanii diinummaa qaban muldhisa kan jedhan jiraattoota ona Baddaannooti.
