Ilmaan Oromoo hojii mootummaa magaalaa Finfinnee keessaa hojjetan irratti Oromummaa isaaniin miidhaan irra ga’u jabaachaa dhufuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Fulbaana 9, 2022 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo dandeettii isaanitiin manneen barnootaa olaanoo irraa eebbifamuun dorgomanii handhuura Oromiyaa kan taate Finfinnee keessatti qacaramuun hojjatan yeroo ammaa kana loltoota impaayerattiif mindaa fi dhiiga keenya hin kenninu akkasumas balaaleffannaa TPLF fi WBO hin baanu jechuun mormii kaasan irratti miidhaa fi doorsisni geggeeffamaa jiraachuu odeessi hojjettoota irraa nu qaqqabe ni ibsa.
Biiroolee rakkoon maqaa Oromummaan qaqqabaa jiru keessaa tokko Biiroo Odiitara Waliigala magaalaa Finfinnee yoo ta’u, achi keessatti leelliftoonni sirna minilik dhalootaan Amaara ta’an hojjettootni afaan Oromootiin dubbatanii akka walii hin galle, bilbila afaan Oromootiin akka hin haasofne akkasumas abbaa dhimmaa tajaajila argachuuf dhufu akka afaan Oromootiin hin keessummeessine dhiibbaa guddaa uumanii jiru.
Dabalataanis warra didee afaan Oromootiin fayyadame ati ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuudhaan madaallii yeroo yerootti hojjattoonni ittiin sadarkaa tokko irraa sadarkaa itti aanutti ittiin darban akka jalaa gadi bu’u taasisuun guddina dhowwatu.
Kana malees walgahii dhimma haala yeroo jedhanii aanga’oonni sirnichaa waaman irratti ilmaan Oromoo qindoominaan afaan Oromootiin sagalee mormii dhageessisanii turan.
Mindaa keenya hin kunnu, dhiiga keenya hin kenninu, lolas hin deemnu galgala galgalas baanee naannoo hin eegnu akkasumas nuti waardiyyaa sirna nafxanyaa miti jechuudhaan kan morman yoo ta’u jireenya isaaniifuu yaaddoo akka qaban dubbataniiru.
Hojjataan kamuu waggoottan lamaan darban hidha Laga Abbayaa fi waraana PP tiif miindaa kutee jireenya rakkinaa jiraachaa osoo jiruu kan bara 2023/2015tiif dursanii akka waadaa galanii hojjettoota doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Finfinnee gabaasaniiru.
