Godina Booranaa ona Taltallee keessatti sababa beelaan lubbuun nama tokkoo darbuu fi kanneen biroonis yaaddoo keessa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Fulbaana 13 ,2022 Beelessuun jilbeenfachiisuu akka tarsiimootti kan itti fayyadamu mootummaan PP yeroo Uummanni Oromoo hongee bu’een beela’ee dhumaa jirutti deggersa Raayyaa impaayera Itoophiyaa jechuun uummata dararaa kan jiru yoo ta’u, Uummanni Oromoo garuu hongee ykn bona hamaa gaanfa Afarikaa mudateen dhumaa jira.
Akkaatuma kanaan Kibba Oromiyaa godina booranaa Aanaa Taltallee keessatti sababa beelaan nami tokko yoo du’u, namoonni heedduun waan nyaatan dhabuun, akkasumallee deggersa dhabuun carraa du’aa eeggachaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.
Maanguddoon ganna 70 olii obbo Gaadee Kaphee kan jedhaman Fulbaana 12, 2022 Aanaa Taltallee ganda Oboqiittii lubbuun darbuu fi ammallee waanti akka abdiitti qabnu hin jiru jechuun jiraattonni dubbataniiru.
Xiyyeeffannoon mootummaa lola aangoo isaa dheereffachuuf itti jiru jabeessuun ala bakkoota hongeen miidhaman deggeraa hin jiru.
Kana malees dhaabbilee deggersa namoomaa taasisan affeeree uummaticha dandamachiisuu dhabuunis yaaddoo akka itti ta’ee jiru jiraattonni dabaluun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
