• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu fi aanaa Algee Saachii keessatti Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuun waraanni fi kaabinoonni aanichaa namoota hedduu hidhuu fi reebaa jiraachuun dhagaa’ame

Sep 13, 2022

Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu fi aanaa Algee Saachii keessatti Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuun waraanni fi kaabinoonni aanichaa namoota hedduu hidhuu fi reebaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Fulbaana 13, 2022 Kaabinoonni fi waraanni murna bilxiginnaa Oromiyaa yeroo amma sodaa keessa galuun namoota nagaa badii tokko malee Oromummaan yakkuun hidhaa fi reebicha irratti geggeessa jiru.

Godinni Iluu Abbaa Booraa yeroo ammaa raafama guddaa keessa galtee kan jirtuu yoo ta’u sodaa Waraanni Bilisummaa Oromoo aanootaa fi gandoota godinichaa to’ateef jecha maqaa hidhata WBO waliin qabdu jedhuun namoota nagaa hidhaa fi reebicha irratti geggeessuun galaa fi ba’a dhorkatamuun dararamaa jiru.

Haaluma kanaan aanaa Algee Saachii keessatti dheengada jechuun Fulbaana 11, 2022 sababa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo aanaa Cawwaaqaa dhuunfateef jecha dargaggoota lakkoofsan hedduu ta’an baadiyaa aanichaa irraa gabaa dhufanii fi jiraattota magaalattii dabalatee dargaggoota 41 waajjira Poolisii aanichatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Dargaggoota hidhaman keessaa Obsaa, Abdii fi Iyyoob kanneen jedhaman reebicha hamaa irratti geggessuun kan hidhanii fi hanga gabaasni kun qindaa’etti midhaan nyaachuu illee akka hin dandeenye barameera.

Itti dabaluunis magaalaa Mattuu keessattis uummata dararuun kan jaabatee jiru yoo ta’u sababa tokko malee nama Magarsaa jedhamu magaalicha keessaa qabanii hidhanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading