Oromiyaa Bahaatti Qaamoonni Mootummaan hidhachisee Bobbaase Saamicha geggeessa jiru.
(SQ-Fulbaana 13/2022)
Bahaa Oromiyaa Ona Haramaayaa Araddaa ifaa Oromiyaa keessatti Qaamonni Mootummaan Hidhachisee Bobbaase Uummata saamaa jiru jedhu jiraattoonni.
Akka Jiraattonni jedhanitti” Onarraa gara araddaa kanaatti bobbahanii Maqaa milishootafi Gaachana Sirnaa ” Bobbaafamanii Turaantu uffaata Humna Adda Oromiyaa Uuffatee saamicha geggeessaa jira jedhan.
Humnoonni Kun Nama Maqaansa Muusxafaa Abdii jedhamuutu Uummatarraa Dirqiin 1500 guursisaa jira jedhan. Goochonni akkanaa Bahaa Oromiyaa keessaatti irra deddebi’in Uumama jira.
