Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti finxaaleyyiin Amaaraa uummata Oromoo ajjeesuu itti fufan.
ONM-ABO Fulbaana 16, 2022 bilxiginnaa ilmaan habashootaa Oromoo irratti hidhachiisuun akka ajjeesaniif bobbaaseen lubbuun ilmaan Oromoo hobba’uu itti fufeera.
Haaluma kanaan Fulbaana 14, 2022 ganama toora sa’a 2:00 irraa kaasuun Uummata harka qullaa homaa harkaa hin qabne godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Ilaalaa keessatti hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa nama Maqaan isaa Buujjee Hawwee Fantaallee kan jedhamu ajjeesanii jiru.
Dabalataanis aanuma kana ganda Tuttuqii keessa ammoo obbo Booruu Roobaa Hawwaas kan jedhaman ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Uummatni Oromoo waraana murna bilxiginnaa fi hidhattoota Amaaraan badii tokko malee qe’ee abbaa isaa irratti ajjeechaan raawwatu jabaatee itti fufuu gabaasaa Oromiyaa bakkoota garaagaraa irraa dhufuun beekuun ni danda’ama.
