• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Arjoo Guddattuu keessatti murni bilxiginnaa hidhaa hammeesse

Sep 16, 2022

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Arjoo Guddattuu keessatti murni bilxiginnaa hidhaa hammeesse.

ONM-ABO Fulbaana 16, 2022 kufuuf qarree kufaatii irra ga’e jiru bilxiginnaan uummata Oromoo goleewwan Oromiyaa mara keessatti uummata hidhaan dararaa jira.

Fulbaana 14, 2022 ona Arjoo Guddattuu bulchiinsa magaalaa Arjoo keessatti ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsanii hidhanii jiru.

Namoota isaan haala kanaan hidhanii dararaa jiran maqaan isaanii Damee Araggaa, Marabbaa Asfawuu, Ximqataa Takiluu fi obbo Girmaa nama jedhamman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Itti dabaluunis obbo Girmaa ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun reebicha erga irraan ga’aniin booda mana hidhaaatti darbatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading