• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii irraa waraanni murna PP sirnicha ganuun WBOtti harkaa laadhachuu itti fufan

Sep 16, 2022

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii irraa waraanni murna PP sirnicha ganuun WBOtti harkaa laadhachuu itti fufan.

ONM-ABO Fulbaana 16,2022 bulguun impaayera Itoophiyaa uummata jiru dhuunfaa isaa hojjetee jiraatu, daa’imman umriin isaanii waraanaaf hin geenye kanneen seera waraana idil addunyaan hin eyyamamne dirqiin qabuunii fi maallaqaan goyomsee leenjii waraanummaaf erga.

Haa ta’u malee waraanni faashistii PP dirqamaa fi goyomsaan leenji’uun waraana ta’anii ba’an carraa argataniin sirnicha ganuun WBOtti harka kennachaa jiru.

Haaluma kanaan lixa Wallaggaa aanaa Begii irraa ra Fulbaana 14,2022 humna addaa Oromiyaa warreen ofiin jedhan lama mooraa waraana bilxiginnaa ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kannatanii jiru.

Ilmaan Oromoo lamaan sirna cubbamaa fi yakkamaa kana gananii WBOtti harka kennatan kun qawwee AKM 2, hidhannoo guutuu fi rasaasa waliin mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti nagaan galanii jiru.

Gocha osoo beekaniis ta’e dirqiin uummata Oromoo irratti raawwachaa turaniifis dhiifama gaafachuun ilmaan Oromoo meeshaa murna bilxiginnaa baachuun uummata isaanii irratti garbummaa dheeressaa jiraniifis akka isaan sirnicha keessaa gananii WBOtti harka kennatan dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading