Godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaa keessatti waraanni PP fi finxaaleyyiin Amaaraa waliin ta’uun saamichaa fi manneen uummataa gubaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Fulbaana 19, 2022 Murni impaayera Itoophiyaa bulchaa jiru bilxiginnaan fedhii aangoo qabuuf jechaa lubbuu ilmaan Oromoo fi qabeenyaa isaanii barbadeessaa oolu, humnoota finxaaleyyii Amaaraa dabalachuun hojii isaa farrifamaa kana itti fufee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 17, 2022 godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Tsigee jedhamtutti finxaaleyyoonni Amaaraa humnoota bilxiginnaa waliin ta’uun uummata Oromoo naannichaa irratti dhukaasa irratti banuun saamaa fi qe’ee irraa buqqisaa turan.
Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota tokko tokko dubbisetti Fulbaana 17 ganamaan humnootni kun dhukaasa banuun saamicha isaan irratti geggeessaa akkasumas qe’ee isaanii irraa godaansisaa turuu dubbataniiru.
Humnootni finxaaleyyii kun yeroo rasaasa fixanitti itti aanaan bulchiinsa aanaa Guutoo Giddaa kan ta’e obbo Tashoomee Booboo nama tokkoof rasaasa 120 kennuufiin faannoo 150 ta’an meeshaalee waraanaan tumsaa jira.
Itti gaafatamaan nageenya aanichaa Adam Fayisaa kan jedhamus waraana bilxiginnaa waliin duula kana qindeessaa kan ture yoo ta’u aanuma kana ganda Haroo Folaa jedhamutti Fulbaana 16, 2022 konkolaata lama Obaamaa tokkoo fi Isuzu tokko saaman.
Kaleessa Fulbaana 18, 2022 ganda Keenaaf keessatti finxaaleyyiin humnoota murna bilxiginnaan deggeraman manneen qonnaan bultoota hedduu gubuun barbadeessuu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.
