• Tue. Jan 13th, 2026

Hongeen aanota gammoojjii godina Gujii bahaa rukute miidhaa qaqqabsiisuu itti fufe

Sep 19, 2022

Hongeen aanota gammoojjii godina Gujii bahaa rukute miidhaa qaqqabsiisuu itti fufe.

ONM-ABO Fulbaana 19, 2022
Kibbi Oromiyaa yeroo garaagaraatti hanqina roobaa baatiilee fi waggoota lakkoofsisaniin hongee laficha rukutuun lubbuu namootaa fi qabeenya irra miidhaan ga’u guddaa dha.

Godinni Gujii bahaas lafoota kibba Oromiyaa keessaa tokko yeroo taatu, godinicha keessaa onootni akka Sabbaa Boruu, Waadaraa, Gumii Eldalloo, Liibanii fi Gooroo Doolaa keessatti hawaasni lafti oomisha laachuu dhabuun beelaan rukutamee hanga du’uutti ga’ee kan jiruu fi beelladootni harkaa dhumanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namootni onoota kanneenii gargaarsa dhabuun jiraachuufuu horii tokko lama ishee oolfatan magaalaatti baasuun gurguratanii waan ittiin jiraataniif yeroo ammaa akka malee gargaarsa dhabuun dararaa jireenyaa argaa jiru.

Hongeen akka gaanfa Afrikaatti balaa qaqqabsiisaa jiru kun itti fufee waan jiru uummatni Oromoo ganna darbe midhaan ooyiruu isaanii irra waan hin qotanneef miidhaan kana caalu qaqqabu akka danda’u ni tilmaama.

Murni bilxiginnaa Oromiyaas ta’e federaalaa gargaarsa fakkeessii miidiyaaf ooluuf magaalaa godina Nagallee Booranaatti haa argamu malee rakkoo uummatichaa bu’uura irraa furuuf akka itti hin dhiyaanne maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading