Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee fi kaabinonni godinichaa tarkaanfii gootichi waraana bilisummaa onoota godinichaa keessaatti fudhaachaa jirun sodaa keessa galanii hojii gadii dhiisuun gara godina Jimmaatti baqatan.
ONM-ABO Fulbaana 20, 2022
Kaabinonni murna bilxiginnaa waraanni bilisummaa Oromoo badeera, gariin ajjeesnee, kana boojinee fi Kan hafees gara biyyoota ollaatti baqaatanii jiru akkasumas waraanni bilisummaa Oromoo sadarkaa impaayerattiif yaaddessaa ta’uu irraa hin jiru jechuun paarlaamaa fi miidiyaa isaanii irratti dubbachaa turan soba ta’uun hojii gadhiisanii dheessaa jiru.
Tibba kana tarkaanfii irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn onoota godinaa Bunnoo Beddellee to’achuun fudhataa jiruun rifachuun akkasumas humnoomuu fi hedduummachuu gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo hubaachuun bulchaan godinaa Bunnoo Beddellee ,dhimmi nageenyaa fi kabinonni cufti hojii gadi dhiisuun gara godinaa Jimmaa magaalaa Jimmaatti baqachuu isaanii jiraattootni godina Bunnoo Beddelle Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattoota godina Bunnoo Beddellee Arraatni biyyoolessaa Oromiyaa dubbise tokko tokko jedhanitti caasaan murna bilxiginnaa gandoota baadiyaa irraa egaale hangaa bulchiinsa godinaatti diigaamee jiraachuu fi uummaatni godinichaa kanneen aanotaa fi gandoota keessa jiran gooticha waraana bilisummaa Oromoo jala hiriiruun mirgaa abbaa biyyummaa isaanii mirkaneeffachuuf tokkumaan falmaa waan jiraniif WBOtti dabalatee tokkoomuun uummatichaa sodaachisee baqaaf akka isaan dirqisiise dabaluun ibsaniiru.
