Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu keessatti humnooti finxaaleyyii Amaaraa waliin ta’uun uummata Oromoo ajjeesuu itti fufan.
ONM-ABO Fulbaana 20, 2022 Murni koloneeffataan impaayera Itoophiyaa waraana isaa bobbaasuun uummata nagaa ajjeesaa ooluun cinaatti fanxaaleyyoota Amaaraaf tumsa meeshaalee waranaa fi leenjii barbaachisu gochuufiin uummata Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman ficcisisaa jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 18, 2022 humni finxaaleyyoota Amaaraa kun barattoota gara mana barnootaa deemuun qormaata biyyooleessaa fudhachuuf konkolaataan imalaa jiran Konkolaataa irraa buusuun barattoota 7 bakka tokkotti ajjeesuun reeffa isaaniis dhoksanii jiraachuu jiraattoonni dubbattan.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa konkolaachisaa yeroo sanaa barattoota fuudhee deemaa turee qabamee afaan Amaariffaa dubbachuun ani Oromoo miti jedheenii lubbuu isaa bararee dubbise tokko jedhetti shamarran sadii fi dhiira afur iddoo tokkotti albeen qalanii kan ajjeesan ona Kiiramuu ganda shaashoo Baarrittiitti guyyaa keessaa sa’a 7:35 akka ta’e ifoomseera.
Ona Kiiramuu gandoota garaagaraa keessatti finxaaleyyiin Amaaraa kun waraana bilxiginnaa da’oo godhachuun gochoota sukkanneessaa lubbuu ilmaan Oromoo irratti raawwataniin cinaatti saamichaa fi manneen qonnaan bultoota hedduus gubaa jiraachuun ni beekama.
