• Sat. Mar 14th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ona Jaartee fi Jaardagaa Jaartee irratti tarkaanfii fudhachaa jira

Sep 22, 2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ona Jaartee fi Jaardagaa Jaartee irratti tarkaanfii fudhachaa jira.

ONM-ABO Fulbaana 22, 20222 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuun aanoota fi magaalota keessaa buqqisuu itti fufuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa aanota lama irratti halleellaa jabaa fudhachaa jira.

Haala kanaanis lola har’a ganama Jaartee fi Jaardagaa Jaartee keessatti fudhachaa jiruun humna diinaa da’oo ishee keessaa buqqaasuun qarqara magaalaatti dhiibee jira.

Waraanni murna faashistii PP Jaardagaa Jaartee irraa humna Faannoo Amaaraa dabalachuun ofi irraa ittisuu yaalii gochaa jiru.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humnoota shororkeessaa bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraa kana lamaan irratti tarkaanfii fudhachuun miidhaa gurguddaa irraan ga’aa jira.

Guutuu gabaasa kanaa lolaan booda qabannee isiniif dhiyaanna.

WBOn karoora qaba, bakka Oromoon itti miidhamaa jiru osoo hin hanqatin sirnicha hundeen buqqisuu irratti wareegama barbaachisu hunda ni kafala!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading