Gujii Lixaa ona Malkaa Sooddaa keessatti WBOn mooraa diinaa aleeluun dishqaa irraa hiike!
ONM-ABO Fulbaana 22, 2022 Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa zooniilee waraanaa garaagaraa keessatti diina aleeluu itti fufee jira.
Akka kanaanis har’a Fulbaana 22, 20222 ganama toora sa’a 12:00 irratti tarkaanfii weerartuu Abiy Ahimed godina Gujii Lixaa ona Malkaa Sooddaa ganda Baartaa keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo mooraa waraana tiksitoota impaayeera Itoophiyaatti abidda itti gabbiseen diina hedduu ajjeesee gariin madeesseera.
Tarkaanfii fudhatamaa jiru kanaan hanga gabaasni kun qindaa’etti #Dishqaa 1, rasaasaa fi qawwee AKM 50 akkasumas hidhannoo waraana dugda diinaa irraa hiikkatee jira.
Lolli itti fufee jira.
Dhiigaa fi lafee keenyaan Oromiyaa walabaa ni ijaarra.
Injifannoon Uummata Oromoof!
