Ilmaan Oromoo naannoo uummattoota kibba lixaa godina Geediyoo ona Gadab keessa jiran jalaa waraanni bilxiginnaa manneen guban.
ONM-ABO Fulbaana 23, 2022 Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti dararaa jiru Oromoota maqaa daangaa sobaan Oromiyaa irraa qoodamanii jiranis daangaa ce’uun miidhaa irratti qaqqabsiisaa jira.
Haaluma kanaan dheengadda Fulbaana 21, 2022 waraanni murna bilxiginnaa Oromoota mootummaa naannoo Uummattoota kibba lixaa impaayeerattii godina Geediyoo ona Gadab ganda Galchaa keessatti manneen ilmaan Oromoo hedduu gubanii jiru.
Namoota manneen ona Gadab ganda Galchaa keessatti gubate keessaa tokko mana obbo Roobee Hirbaayyee Dukkaalee yoo ta’u ilma Oromoo kana jalaa sababa ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun mana lama qabeenya waliin jalaa gubanii jiru.
Waraanni bilxiginnaa tarkaanfii kana fudhatan guyyuma dheengadda godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa ganda Gaabbuu Jabaa Siree irraa toora sa’a 6:45tti bobbaa’ani.
Waraanni faashistii PP ona Bulee Horaa ganda Gaadduu Jabaa Siree qubatanii jiran kun uummata gandichaa buqqisuun gaaraa fi bosona jiranitti meeshaa guddaa RPG jedhamu 40 ol dhukaasanii akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
