• Wed. Nov 25th, 2026

Ilmaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessaa butaanii hidhuunii fi sobaan yakkanii itti murteessuun akkuma itti fufeetti jira

Sep 24, 2022

Ilmaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessaa butaanii hidhuunii fi sobaan yakkanii itti murteessuun akkuma itti fufeetti jira.

ONM-ABO Fulbaana 24, 2022 Sirni dabaan guutee jiru Bilxiginnaan ilmaan Oromoo quuqama sabaa qaban Oromummaan yakkee adamsuun bakkeewwaan hedduutti qabee hidhaa fi sobaan itti murteessee hidhaa jira.

Haaluma kanaan godina addaa naannoowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Ashawaaa Meeddaatti nama Waaqtola Abbarraa jedhamu bakka addaa Lukaandaa jedhamutti baatii muraasa dura qabanii buufata poolisii magaalattiitti erga dararaa turaniin booda dhiyeenya kana mana hidhaa Qaallittiitti dabarsanii turan.

Erga Qaallittiitti dabarsanii dararaa irraan ga’aa turaniin booda ragaa sobaa irratti dhiyeessanii hidha waggaa 18 itti murteessuun adabbii dabaa fudhachiisan.

Kana malees qabeenya isaa jalaa saamuun akkasumas maallaqa isaa jala fudhatachuun ati miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun itti roorrisaa turuu maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply