Ona Baabboo Gambeel gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo dhuunfachuu isaatiin uummatni magaalichaa gammachuu isaanii ibsatan.
ONM-ABO Fulbaana 24, 2022 Tarkaanfii haaraa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo aanota waraanni bilxiginnaa qabatee jiru irratti fudhachuun qubsuma isaanii aanaa keessaa buqqasaa jiruun uummatni gammachuu isaa ibsachaa jira.
Tarkaanfii kaleessa Fulbaana 23, 2022 mooraa magaalaa Baabboo Gambeel 01 fi 02 keessa jiru irratti fudhatamuun waraanni murna bilxiginnaa buqqa’een booda uummanni magaalichaa daandiitti ba’uun wallee qabsoo onnachiisuu fi WBO haamileessu sirbuun magaalicha keessa naanna’aa turan.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota tokko tokko dubbisetti kanaan dura waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo hedduu kan ajjeesee, saamee, hidhee fi qe’ee irraa godaansisaa akka ture kaasuun sirna uummata keenya akkasiin dararu kana WBO cina dhaabbannee bakka cufaa buqqisuun bilisummaa har’a arganne tikfachuu qaba jedhan.
Tarkaanfii sana booda uummanni ba’ee gammachuu isaa ibsachaa ture qabeenya murna bilxiginnaa fi waraana bilxiginnaa manneen namootaa keessa dhokatanii turan qabun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti dabarsaa turuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattoota irraa odeeffateera.
