• Sat. Mar 14th, 2026

Bulchinsa Magaalaa Naqamtee Keessatti konkolaachistootan maallaqa deggarsa raayyaa ittisa impaayeerattiif maallaqa humnaan kafalchiisaa kan jiranii fi waraqaa eenyummaa nama tokkoof baasuuf qarshii 1000 gaafachaa jiraachuun barame

Sep 26, 2022

Bulchinsa Magaalaa Naqamtee Keessatti konkolaachistootan maallaqa deggarsa raayyaa ittisa impaayeerattiif maallaqa humnaan kafalchiisaa kan jiranii fi waraqaa eenyummaa nama tokkoof baasuuf qarshii 1000 gaafachaa jiraachuun barame.

ONM-ABO Fulbaana 26, 2022 Maqaa lola kaaba impaayeeratti keessatti adeemsifama jiru qabata godhachuun kaabinoonni Oromiyaa keessaa uummata saamuun rakkisaa jiru.

Lixa Oromiyaa bulchinsa magaalaa Naqamtee keessatti kaabinoonnii fi waraanni sirna PP yeroo garaagaraatti saamicha kan geggeessa jiran yoo ta’u, Fulbaana 24, 2022 irraa eegaluun kaabinoonni magaalichaa earaana sirnichaa of dura hiriirsuun konkolaachiistoota balbala buufata konkolaataa irratti eegun qarshii 500 tokko tokkoon kafalchiisaa jiru.

Barsiisoota magaalattii irraas dhibbantta murteessanii irraa kutuuf akka jiranis barameera.

Magaalaa sana keessatti namuu Waraqaa eenyummaa malee yoo ba’e Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun kan ajjeefamu yoo ta’u sababa kanaan torban darbe irra kaasuun waraqaa eenyummaa nama tokkoof haaraa baasuuf qarshii 1000 irraa fuuchaa jiru.

Namoonni kan qaban haroomfatan irraa ammoo 500 fuuchaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees waraanni sirnichaa halkan da’oo godhachuun namoota harkaa bilbila gurguddaa fi maallaqa saamaa kan jiran yoo ta’u uummannii magaalichaas rakkoo hamtuu keessumeessa jiraachuu kan himan maddeeni.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading