• Tue. Nov 24th, 2026

Irreecha bara 2022 Malkaa Harsadee Bishooftuutti kabajamu murni bilxiginnaa ulaagaa baay’isuun hirmaattoota danqaa jiraachuun himame

Sep 26, 2022

Irreecha bara 2022 Malkaa Harsadee Bishooftuutti kabajamu murni bilxiginnaa ulaagaa baay’isuun hirmaattoota danqaa jiraachuun himame.

ONM-ABO Fulbaana 26, 2022 Ayyaana Irreechaa bara 2022 kabajamuuf magaalaan Bishooftuu qophii qophaa’aa jiraattus sirna kabaja ayyaana kanaa irratti hirmaatootni akka fedhii isaaniitti irraa qooda akka hin fudhanneef ulaagaaleen garaagaraa murna goolesssituu PPn ba’anii jiru.

Irreecha kana irratti akka yeroo jalqaba Irreechi kabajamaa dhufetti namootni fedhan cufti irratti kan argaman osoo hin taane sadarkaa duraatti ganda isaaniitti galmaa’uun gandi qulqulleessee Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii aanaatti erguun, waraqaa waajjirichi amanee kennuufiin gara Bishooftuutti imalu.

Guyyaa kabaja ayyaana sanaa sakatta’iinsa irratti waraqaa aadaa fi turiizimii irraa kennameef agarsiisuun gara sanatti akka darbamu ulaagaalee murna bilxiginnaan Irreecha ayyaana uummataa kan paartii siyaasaa taasifame irraa hubachuun ni danda’ama.

Namni waraqaa sana hin qabne seenuu akka hin dandeenye ulaagaan kun kan ibsu yeroo ta’u, murni bilxiginnaa faayidaa siyaasaa irraa argachuuf karoorfatee godaanaalee uummatni Oromoo qaxxamuruun kabaja ayyaana Irreechaaf magaalaa Bishooftuu seenu cufa keessatti sakatta’iinsi waraqaa eeyyamaa Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii fi waraqaa eenyummaa mana siree fi seensa magaalaa irratti akka taasifamu qajeelfamni darbuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply