• Wed. Nov 25th, 2026

Uummata Oromoo godina Baalee Lixaa ona Gurraa Dhaamolee irraa buqqa’uun ona Dalloo Mannaa qubatan humnaan bakka jireenya isaaniitti deebisuun dhagaa’ame

Sep 26, 2022

Uummata Oromoo godina Baalee Lixaa ona Gurraa Dhaamolee irraa buqqa’uun ona Dalloo Mannaa qubatan humnaan bakka jireenya isaaniitti deebisuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Fulbaana 26, 2022 Ilmaan Oromoo godina Baalee Lixaa aanaa Gurraa Dhaamolee ganda Okkoltuutii poolisoota humna addaa Soomaaleen buqqa’anii aanaa Dalloo Mannaa qubatanii turan humnaan qe’ee isaaniitti akka deebi’an godhanii jiru.

Kaabinootni fi waraanni sirna faashistii PP magaalaa Dalloo Mannaa hawaasa lafa sanatti hin deebinu jedhan reebicha irraan ga’uun konkolaataa yaabsisanii deebisan.

Qe’ee jireenya isaanii yeroo ga’anitti dhukaasni gandichatti deeb’ee waan banameef hawaasni gidduutti rakkachaa jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Hawaasni kun manneen itti galanii fi naannoo irraa waan nyaatan illee waan hin qabneef rakkoo jireenyaafis saaxilamanii akka jiran dubbatama jira.

Ilmaan Oromoo humnoota badii poolisoota humna addaa Soomaaleen baatii Bitootessaa keessa buqqaa’an kana baatii darbe keessa itti aanaan pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Soomaalee ilmaan Oromoo kunneen baatii tokko keessatti qe’ee jireenya isaaniitti akka deebi’an akeekkachiisa laatanii turuun ni yaadatama.

Leave a Reply