Hidhaan, saamichii fi manneen lammiile nagaa gubuun godina Baalee Lixaa ona Diinshoo keessatti hammaachuu jiraattonni dubbatan.
ONM-ABO Fulbaana 27, 2022 “Qurxummii balleessuuf galaana gogsuu qabna” jechuun Kan dhaadatan bulchitoonni impaayera bututtuu Itoophiyaa uummata Oromoo akka sabaatti balleessuuf hidhaa, saamicha fi ajjeechaa irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanan godina Baalee Lixaa ona Diinshoo keessatti lammiile nagaa fi maxxana siyaasa kamuu hin qabne namoota dhibbootan lakka’aman badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.
Ilmaan Oromoo hidhamanii jiran kunneen,
Nashaa Weebaa
Warqoo Kadiir
Misraa Haajii
Maashoo Ibraahim
Roomaa Ilmii
Makkoo Caaccoo
Ruqiyaa Hajjii
Bulbulee Kadiir
Hajjoo Amaanoo
Sheek Abdurhamaan Weebaa
Abdulmajiid Hajjii
Abdulmaalik Sheek Abrahmaan
Hajjii Heebboo
Ibraahim Weebaa
Ahimad Ibraahim Weebaa
Muktaar Ilmii Weebaa
Fu’aad Ilmii Weebaa
Awwal Mahaammadhuseen
Abdulshakuur Sheek Abdurhamaan kan jedhaman namoota yeroo ammaa mana hidhaa ona Diinshootti dararama jiran ta’uu jiraattonni himuuun walii gala namoota 120 ol kan ta’an badii malee hidhamanii akka jiranis ibsaniiru.
Murni abdi kutate PP maqaa lammiilee meesha maleeyyiitti maxxansuun hidhaa fi saamicha heddummeessus umriin impaayeraa Itoophiyaa gabaabduudha kan jedhan jiraattoota godina Baalee Lixaa ti.
