• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii magaalaa Begii keessatti waraanni bilxiginnaa saamicha yoo geggeessaan ona Qondaalaa keessatti hidhaa hammeessanii jiru

Sep 27, 2022

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii magaalaa Begii keessatti waraanni bilxiginnaa saamicha yoo geggeessaan ona Qondaalaa keessatti hidhaa hammeessanii jiru.

ONM-ABO Fulbaana 27, 2022 Gareen maafiyaa impaayeraa Itoophiyaa kufaatii dinagdee irra bayyaannachuu dadhabuun waraana isaa naatoo uummataaf hin qabne uummatatti bobbaase saamsisa jira.

Guyyaa lamaan darban jechuun Fulbaana 25 fi 26,2022 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii magaalaa Begii keessatti poolisoonni idilee, poolisootni humna addaa Oromiyaa ,milishoota sirnichaa dabalachuun mana jiraattoota daandii irra jiru, dukkaana fi manneen daldala cabsanii seenuun nyaataa, uffata fi mallaqa waan argan cufa jalaa fudhachaa turuu jiraattonni himan.

Itti dabaluniis Huseen Muusaa, Mammude Adam, Geetaachoo Kabbadaa kanneen jedhaman irratti gochi badaan kun raawwatamu jirattoonni himuun namoota daandii irratti argan cufas mallaqa harkaa fudhacha turu ibsaniiru.

Uummatni magaalichaa gocha badaa irratti raawwatama jiru kanaaf bulchiinsa magaalaa Begii gaafatanis, nuti dadhabneerra kanaaf saamaanii haa nyaataan jenne gadhiisne jechuun uummataf deebisan.

Godinuma Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessattii waraanni faashistii Abiy Ahimed hidhaa jabeessuun ilma Oromoo 17 badii tokko malee mooraa waraanaa magaalaa Qondaalaa jiru keessatti dararaa jiru.

Namoota hidhamanii jiran keessaa ammaaf kan maqaan nu ga’e Mahaammad Baqqalaa fi Kumarraa Immiruu kanneen jedhaman yoo ta’u bulchaan aanichaa Daani’el Dassaaleny kan jedhamu waraana bilxiginnaa aanicha qubatee jiru waliin badii malee namoota hidhaa akka jiru jiraattootni ona Qondaalaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading