Waraanni murna faashistii PP ilmaan Oromoo hidhuu itti fufuun bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti Oromtittii tokko hidhan.
ONM-ABO Fulbaana 27, 2022 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo nagaan jireenya dhuunfaa isaanii akka hin geggeeffanne barbaadu badii tokko malee hidhuun dararuu itti fufee jira.
Haaluma dheengadda Fulbaana 25, 2022 bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti haadha Oromoo aadde Iftuu Roobalee jedhamtu Waraana Bilisummaa Oromoo waliin quunnamtii qabdaa fi qawwee daldalta jechuun mana jireenyaa ishee ganda Qaafiiraatii qabuun buufata poolisiitti hidhanii jiru.
Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo magaalaa Dirree Dhawaa keessatti akka mataa isaanii ol qabatanii hin deemneef yeroo barbaadetti amantii fi amantii yeroo biroo ammoo saboota walitti buusuun dhiigaa lammiile Oromoo lolaasisaa har’a ga’e jibbiinsa Oromummaa qabu jabeessuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon namoota siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’an Oromummaa isaanii qofaaf ittiin yakkee hidhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Dirree Dhawaa ibsaniiru.
