Humni Weerartuu Oromiyaa keessatti rukutamuun mirkanaa’e.
(SQ Fulbaana 28, 2022)
Humni Weerartuu Faannoo kan Mootummaa Federaalaan daggaramaniifi Ajaja Mootummaa Naannoo Oromiyaan Oromiyaatti bobbaafamanii Uummata nagaa dararan Oromiyaa keessatti rukutamuu ragaan agarsiisu ba’e.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti lola Fulbaana 27, 2022 ganama Faannoon Uummata nagaa irratti bane dursaa kan ture Oogganaan Garee Shororkeessaa Faannoo Ashanaafii Alamuu jedhamu Lola Waraanni Bilisummaa Oromoo Uummata nagaarraa qolachuuf geggeesseen ajjeefamuun barameera.
Mootummaan Faannoo bobbaasee Uummata nagaa ficcisiisuus ajjechaa ooggana Faannoo kanaa kan ragaa ba’edha.
Miseensi Paarlamaa Xooopiyaa fi dursaan Paartii Mormituu ABiN “Hiriyaan Qabsoo keenya kan hedduu walitti siqnu Qabsoo Uummata isaaf godhuun aarsaa baase” jechuun fb isaa irratti katabe.
Lola kana irratti odeeffannoo SQ argateen Humnooti Faannoo heedduun ajjeefamuu fi harki caalu hidhannoo faana booji’amuun mirkanaa’eera.
Lolli kun Humnoota Mootummaa fi Deggarsa cimaan Uummata Oromoo irratti lola baname waan ta’eef Oromoon keessaaf alaa cimee Waraana isaa cina dhaabatee Uummata harka duwwaa akka ittisuuf badii irraa oolchus dhaamna.
IUOf.
