Magaalaa Finfinnee keessatti ilmaan Oromoo tikoota mootummaa PPn ukkaamfamuun daran jabaate.
ONM-ABO Fulbaana 28, 2022 Yeroo garaagaraatti magaalaa Finfinnee keessaa ukkaamfamuun kaan ajjeefama, kaan achi buutee dhabamsiifamaa fi murtoo dabaan mana hidhaatti darbatamanii kan dararama jiraan ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduudha.
Guyyaa kaleessa Fulbaana 27, 2022 magaala Finfinnee kutaa Bulchiinsa Birbirsa Goorootti ilmaan Oromoo lama tikoota murna bilxiginnaan ukkaamfamanii jiru.
Dargaggoonnii kun lamaan Firaa’ol Lammeessaa fi Addunyaa Itoophiyaa kanneen jedhaman yoo ta’u yeroo amma waajjira poolisii Federaalaa kutaa Bulchiinsa Makkannisaatti hidhamanii jiru.
Dargaggoo Firaa’ol Lammeessaa hojii daldaalummaan akka of jiraachisu maddeen kaasuun mana uffataa Aadaa Walaabuu jedhamu banuun uffataa fi faayaale aadaa Oromoo uummata Oromoo biraan ga’uu malee tuttuqaa siyaasa hin qabu jedhan.
Dargaggoo Addunyaa Itoophiyaa ammoo hojjetaa mootummaa Waajjira Bishaaniin magaalaa Finfinnee akka ta’ees maddeen dabaluun addeessaniiru.
