Godina Booranaa aanoota garaagaraa keessatti ilmaan Oromoo humnaan ukkamsaanii gara leenjii waraanummaatti ergaa jiraachuu jiraattootni dubbatan.
ONM-ABO Fulbaana 29, 2022 Murni PP kun har’allee sirna mataan du’ee keessoon isaa raamma’e, kan barcumni isaa jalatti ulfina dhabee harkatti raafame kanaaf jecha, lubbuu ilmaan nama qaqqaalii qoraan ibiddaa taasisuu irraa ofi hin qusanne.
Kaadiroota fi kaabinootni PP godina Booranaa naasuu tokko malee uummata hongee fi qaala’iinsi jireenyaa miidhaa jiru gandaa fi aanaa hundaa keessatti namoota leenjii deeman kennaa jechuun uummata hiraarsaa jiru.
Taatullee jiraattoonni godinichaa namoota duraan ergamaniyyu du’aa fi jiraa isa nu beeksisa,n nama erginus hin qabnu jedhanii diduun isaanii ergamtoota PP waan rifachiiseef namoota sabaa fi sablammoota hojiif godinichaa keessa jiraatan humnaan ukkaamsuun kan jala miliqe ajjeessuun godinichatti eegalee jira.
Haaluma kanaan dhiyeenya kana dargaggoo uummata kibba lixa impaayerattii hojiif achii jiraatu aanaa Dubluqitti humnaan ukkaamsuun kan deemaniin yoo ta’u aanaa Mooyyalee Ganda Dambii Cameetti gaafa guyya 25/2022tti dhalataa saba Walayittaa kan hojiif achi jiraatu sababa waraana hin deemu jedhee baqateef qofa rasaasa itti roobsanii ajjeessuun lafatti yeroo gatanitti uummatni ardaa sunii awwaaluu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattootni dubbatanitti gochi kun ajajaa qondaala PP Jaarsoo Annaatiin raawwatamaa akka jiru dabaluun addeessaniiru.
