Waraanni murna PPn uummatatti bobbaafaman godina Gujii Bahaa keessatti qarree tokko gudeeduun abbaa ajjeesan.
ONM-ABO Fulbaana 29, 2022 Waraanni sirnicha tiksuu malee uummataaf dantaa hin qabne kan gara jabinaa fi dararaa hamtuu uummatichatti argisiisaa jiru, godina Gujii Bahaa keessatti gudeeddii raawwachuun abbaa Qarree gudeedamtee ajjeesuu jiraattonni dubbatan.
Fulbaana 27, 2022 Gujii Bahaa aanaa Gumii Eldalloo ganda Bulbulitti waraanni faashistii PP Safuu fi safeeffannaa hin qabne shamarree obbo Salloo Jaarsoo gudeeduuf qabannaan, intala tiyya maaliif qabdu jedhee yoo yeroo abbaan gaafatu, intala keetiif dubbattaa siiniyyuu si ajjeesnaa jechuun rasaasa 4 itti roobsuun ajjeesan.
Mirga namoomaa sarbuun haala sukkaneessaan ajjeesuutti kan bobba’e waraanni murnichaa, fedhii dhuunfaa isaanii fi sirnichaa tiksuun ala kan uummataaf bakka akka hin qabne, akkasumallee nama gama fedhii fi faayidaa isaanii danquuf itti dhufe ajjeesuun of duraa maqsaa jiraachuun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
