• Fri. Mar 13th, 2026

Godinaa Buunnoo Beddelle onaa Gachii keessaatti hidhaan dargaagoota Oromoo irraatti waraana sirna bilxiginnaan geggeeffamu jabaate itti fufee jira

Oct 7, 2022

Godinaa Buunnoo Beddelle onaa Gachii keessaatti hidhaan dargaagoota Oromoo irraatti waraana sirna bilxiginnaan geggeeffamu jabaate itti fufee jira.
(ONM-ABO Onk 7, 2022)
Ilmaan Oromoo dachee abbaa isaaniirraatti mirgaa lubbuun jiraachu dhabuu fi sarbamiinsii mirgaa namoomaa irraatti rawwaatamuun hidhaa fi hacuccaan gita hin qabnee wal jijjiruun irraatti rawwaatama Jira

Murnii aangorraa jiruu bilxiginnaan waraana isa ummaata Oromootti bobbaasun gocha badii isa itti fufee kan jiru onkoloolessaa 5, 2022 godina Buunnoo Beddelle onaa Gachii ganda 01 keessatti dargaggoota Oromoo hedduu ganama sa’a 4:00 akka lakkoofsa impaayeratittii erga mana maatii isaniiti qabani reebichaa hamaa irraan ga’uun mana hidhaati darbaatani achittis gidirsaa jiru.

Dargaaggonni godina Buunnoo Beddelle wajjiraa poolisi onaa Gachii keessatti mana hidhaatti argaman hedduu yoo ta’aan, kan ammaf maqaa arganne Muradii Yaasiini fi Abdalla Jamal dabalate hedduun isaanii mana hidhichatti daraarama jiraachuu maddeen onaa Gachii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti Himaniru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading