Loltoonni sirna bilxiginnaa tarkaanfii WBOn Oromiyaa keessatti fudhachaa jirun mada’an Xiyyaaran gara Jimmaatti fe’aman.
(ONM-ABO Onk 7, 2022)
Gareen fashistii Abiy Ahmed yeroo garaagaraatti jabina fi tarkaanfii WBOn waraana bilxiginnaa irratti fudhacha jiru ummata impaayarittii fi uummata Idil-Addunyaa jala dhoksuuf waraannii bilisummaa Oroomo sadaarka impaayarattiif yaaddoo ta’uurra hin jiru jechuun akka WBOn badeetti odeessaa turan.
Waraannii Bilisummaa Oroomo zooniile waraanaa lixaa,kibbaa , G/gala akkasumas baha fi kibbaa baha keessatti bifa qindaa’een tarkaanfii fudhachuun loltoota impaayarattii akka baala harcaasun diinattii yaaddoo umuun Saba isa Oromootti abdii horee jira.
Loltoonni impaayerittii Komanddoo, raayyaa ittisa impaayerattii, humna addaa Oromiyaa , humna addaa Amaaraa, milishaa Oromiyaa fi hidhattonni Faannoo Sakatta’insa WBO tiif dhufan hedduun lubbuu dhabuun , kanneen biroon ammoo madaa’ani kan jirani fi kan carraa argatan sirnicha jala miliquun WBOtti harka kennacha jiru.
Onkoloolessaa 5, 2022 magaala Finfinnee irraa Xiyyaaran fe’uun magaala Jimmaa Hoospitaala Ispeeshalizdii Yuniversitii Jimmaatti guura turan.
Ambulansii fi Konkolaatan yuniversitii Jimmaa guyyaa dheengadda tajaajila hawwaasa dhaabun madoo waraana bilxiginna guura ooluun beekamera.
