Godina Arsii Baha aanaa Boqqoojjii keessatti uggurri geejjibaa fi maqaa deggersaan saamichii ummatarra gahu daran jabaate.
ONM- ABO Onkololeessa 8, 2022 Oromiyaa godinoota hedduutti Waraana Bilisummaa Oroomotiif nyaata, uffata fi meeshaale dhiheessitu jechuun sochii geejjibaa Baajaji, Doqdoqqee fi kanneen biroo sochii dhorkuun jiraattota gidirsaa jiru
Godina Arsii Baha aanaa Boqqoojjii keessatti murni bilxiginnaa dargaggoota Doqdoqqeedhaan nama deddeebisani jiraatan waraana Bilisummaa Oroomotiif nyaata geessitu jechuun sochii geejjibaa uggurani jiru.
Dargaggoonnii kun Madda galii dhabuun hiyyummaaf saaxilama jirachuu jiraattoonni himuun hawwaasnis sochiin geejjibaa waan ugguramef rakkachaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsaniru.
