Ilmaan Oromoo magaala Gambellaa keessa Jiraatan murni pp Ukkaamsun hidhuun adda waraanitti ergaa jiraachuun dhaga’ame.
ONM- ABO Onkololeessa 8, 2022 Impaayerattii keessatti humnaan ilmaan heyyeessota ukkaamsuun gara adda waraanatti erguun aadeffatama jira.
Magaala Gambellaa keessatti waraanni bilxiginnaa namoota daandi irratti argan cufayyu waraqaa eenyummeessa gaafachuun kan hin qabne gara mana hidhaattii guuruun erga dararanii booda achii baasun adda waraanitti ergaa jiru.
Waraanni fashistii bilxiginnaa kun Ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun daandii gubbaatti bahani ijoollee hiyyeessoota kan hojii guyyaa hojjechuun of jiraachisan maqa WBO itti maxxansuun qabuun hidhun mana hidhaa keessatti darara jiru.
Mana hidhaatii bakki isaan geessan osoo itti hin himamin ilmaan Oromoo heddu dhoksaan adda waraanitti ergani Lubbuu obbaasa jiru.
Kana malees magaala Gambellaa keessatti maqa deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jechuun nama lubbuun jiru hundarra qarshii 100 funaana jiru
