• Wed. Nov 25th, 2026

Faashistoonni koloneel Abiy Ahmed Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii ganda Boquu Nissootti mana qotee bultoota Oromoo Shan qabeenya mana keessa cufa waliin gubuu jiraattoonni dubbatan

Oct 10, 2022

Faashistoonni koloneel Abiy Ahmed Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii ganda Boquu Nissootti mana qotee bultoota Oromoo Shan qabeenya mana keessa cufa waliin gubuu jiraattoonni dubbatan.
ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2022
Ergamtoonni fi eegdonni impaayeraa Itoophiyaa koloneel Abiy Ahmediin bobbaafamun lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii jiran Onkoloolessa 8, 2022 barii barraaqan magaala aanaa kan taatee magaala Baallammiiti gara ganda Boquu Nissootti bobbaate turuu jiraataan ganda Boquu Nissoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Akka jiraataan kun himetti faashistoonni kunniin ganda Boquu Nissoo Bakka addaa Waahilo jedhamuu mana Qotee Bultoota Oromoo 4 abiddaan barbadeessan. Namoota mannii fi qabeenyi jalaa barbadaa’e maanguddoo fi jaarsa Biyyaa obboo Camadaa Dagabaasa jalaa qabeenya mana keessaa fi mana tokko, Obboo Daksiisa Abdiisa abbaa maatii 5 jalaa dukkaana meeshaalee dabalatee qabeenya mana keessa waliin mana tokko, Obboo Fiqaaduu Gasharee abbaa maatii 10 yoo ta’an qabeenya mana keessa dabalatee mana tokkoo fi obboo Shuumii Gasharee abbaa maatii shanii kan ta’an jalaa qabeenya manaa cufa waliin mana tokko abiddaan barbadeessan.
Maatiin namoota manni jalaa gubatee kunniin uffanna, nyaataa fi dahoo malee kan hambiste faashistoonni kun waraana Bilisummaa Oromoo dheessa lafa WBOn irra dirqama deeme odeeffattee dhokattee dhaquun abidda itti keessa baqaan magaalaatti deebiti. Ilmaan Oromoo roorroo yeroo ammaa argaa jiraniin qabsoo Oromoo daranuu kan finiinsanii fi diinummaa sirna kanaa daranuu kan hubatan ta’uu maddi keenya kun himeera.
Itti dabaluunis ilmaan Oromoo tokko taane sirna kanatti xumuruu dadhabuutu rakkoo keenya nurratti dheeresse waan ta’eef tokko taanee WBO cinaa hiriiruun hirer oromoo harka Oromootti haa deebifnu jechuun dhaammataniiru.
Ji’a har’aas ganda boquu Nissoo bakka addaa waahilo kanatti dhokattee dhufuun mana uummataa gubdee kan turtee fi mana guyyaa har’aa guggubde caccabsitee saamtee kan turtee dheengadda Onk 8,2022 haftee ishee abiddaan barbadeessite

Leave a Reply