Irreechaa Malkaa Ateetee magaala Buraayyuu irratti hidhattoonni mootumma pp qeerroo Oromoo tokko rasaasan rukuchuun ajjeesan.
ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2022
Mootonnii sirna habasha aangoo irratti wal jijjiiran Aadaa, duudhaa fi eenyuummaa saba Oromoo balleessuf tattaaffii isaan godhan jabina fi aarsaa ilmaan Oromoo qaqqaaliin baasanin fashalee hardha gaheera.
Onkoloolessaa 9, 2022 kabaja Ayyaana Irreechaa magaala Buraayyuu kan Malkaa Ateeteetti geggeefamu irraa qooda fudhachuuf ilmaan Oromoo bakkichatti argaman waraana bilxiginnaan reebaamun fi rasaasa afaan qawwee bilxiginnan rukutamuun ilmi Oromoo tokko ajjeefamu qooda fudhattoonnii Irreechaa Malkaa Ateetee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.
Ilmi Oromoo rasaasa bilxiginnaan rukutamuun Lubbuun darbe Kun Darajjee Muluu Dirribaa akka ta’es beekame jira.
Murni bilxiginnaa kun Ummata waaqa kadhachuuf bahe irratti dhukaasun ummatni walirratti kukkufani rakkoo fayyaaf saaxilamani akka jiran himuun qeerroowwan hedduus qabuun konkolaataatti naqatani deemuu addeessaniru.
