• Tue. Nov 24th, 2026

Miseensi Poolisii Humna Addaa Oromiyaa tokko sirnicha ganuun Lixa Shaggar ona Ada’a Bargaatti WBO tti harka kennatee jira

Oct 10, 2022

Miseensi Poolisii Humna Addaa Oromiyaa tokko sirnicha ganuun Lixa Shaggar ona Ada’a Bargaatti WBO tti harka kennatee jira.
ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2022
Ilmaan Oromoo osoo hin beekinis ta’e dirqaman hojii loltummaatiin impaayera bututtuu Itoophiyaa tajaajilan guyya guyyaan carraa argatanitti fayyadamuun sirnicha gananii baha jiru.
Onkoloolessaa 8, 2022 lixa Shaggar ona Ada’a Bargaa magaala Olonkomii irraa miseensi Poolisii Humna Addaa Oromiyaa tokko sirna balfama pp ganuun gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makamee jira.
Miseensi Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Kun meeshaa AKM 1, raasasa 120 ,hidhannoo guutuu waliin mooraa diina haphisuun moora qabsoo Bilisummaa Oroomo gabbise jira.
Ilmi Oromoo Kun gocha kanaan dura osoo hin beekiin uummata Oromoo darara tureef dhiifama gaafachuun ijoollee Oromoo mooraa waraana bilxiginnaa keessatti arrabsoo sanyuumman xiinsammuu miidhama jiraaniifis waamicha taasiseera.

Leave a Reply