• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni mootummaa Dhaabbile Barnootaa Olaanaa dirree itti loltoota isaani lola irratti madaa’an waldhaanan taasisaa jiru!

Oct 10, 2022

Waraanni mootummaa Dhaabbile Barnootaa Olaanaa dirree itti loltoota isaani lola irratti madaa’an waldhaanan taasisaa jiru!
ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2022
Maqaa cihumsaatiin kaayyoo dhokataa sirna durii deebisanii dhaabuuf miixatee gara aangootti kan dhufe koloneel Abiy Ahmed abjuu isaatiif sodaa kan qabu cabsuuf uummata Oromoo irratti duula kan bane aangoo qabatee oole hin bulle.
Akkuma abjuu isaa dhugoomsuuf hojii eegalen mormiin cimaan adda Bilisa Baasaa Tigiraayi fi Waraana Bilisummaa Oromoo irra isa mudachuun nii yaadatama.
Akkuma aangoo qabateen Uummata Oromoo irratti lola labse kaaba impayerattiittis eegaluun lubbuu kuma dhibbaan lakkaa’mu galaafatee Impaayeritti qarree kufaati irraan gahee jira!
Waraanni Bilisummaa Oromoo lola golee Oromiyaa cufa keessatti adeemsisaa jiruufi marsaa sadaffaaf lola kaaba Impaayerittiitti gaggeeffamaa jiruun waraana mootummaa irra kasaara cimaan yoo gahu manneen yaala waraanaa fi mootummaa madoo waraana mootummaa keessummeessuuf humna isaati ol ta’uun Hoospitaalonni giddu gala qorannaa Koronnaa kanneen turan madoo waraana PPtiin guute jira.
Torbe darbe keessa manneen barnoota Olaanoon ykn yunivarsiitiileen madoo waraana PP akka waldhaananiif ajajnii fi kallattii kaa’amu namoonni nageenya isaaniitiif maqaan akka dhahamu hin feene Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Akka maddi keenya kun himutti dabballootni mootummaa federaala fi ministeera fayyaa irraa Yunivarsiiti jimmaa fi Hawaasa dhaqan ogeessotaa fi bulchitoota yuunivarsiiti mari’achiisaniin ogeessi fayyaa boqonnaa ykn kanfaltii tokko malee sa’aati 24f akka tajaajilu yoo ajajan, ogeessi tokko yaalaaf yoo seenu bilbila qunnamtii qabatee seenuun dhorkaa akka ta’es himaniiru. Kana malees madoo sana haasofsiisu, eessatti akka madaa’e, yoomii fi akkamitti akka madaa’e gaafachuun dhorkaa ta’uus himan.
Hirmaattonni waltajjii kanaa yaada kaasaniin balaa akka kanaa to’achuuf muuxannoo hin qabnu, barattoonnis barnootaaf gara kana dhufuuf yeroo muraasatu hafee, qorichi gahaanis hin jiruu fi kkf yoo gaafatan ‘kuni rakkoo biyya irratti dhufe waan ta’eef barnootni idileeyyu cufamuu mala, yaaluuf dirqama qabduu’ jechuun deebii abbaa irrummaa sodaachisaan guutamen nuuf deebisan jedhan
Yuunivarsiitonni kaaba Impaayerittii dirqama kana dursanii kan eegalanii fi Yunivarsiiti Finfinnees dirqama walfakkatuurra jira. Haaluma kanaan Torbee darbe keessa Madoo 1000 yuniversiiti hawaasa yoo galchan, Onkoloolessa 5,2022 yuniversiiti Jimmaas galchuu eegalaniiru.
fayyaa muraasni Yuniversiiti waraanaa fi tika mootummaan guutuun sodaa akka itti uumee himuun sababa madoo kanaatiin dhukkuboonni daddarboon ka’uu mala jechuun yaaddoo qaban ibsachaa jiru!
Namoonni madaa’anii yaalaaf dhaabbile barnootaa olaanoo irra raabsamaa jiran kanniin hawaasni naannoo fi uummatni dhagahee ofii fi ilmaan isaa qoraan Abiy Ahmed akka hin taaneef akka of eeguuf icciitiin qabuuf dhama’aa jiru.

Leave a Reply