Baha Shaggar magaala Adaamaa keessatti ilmaan Oromoo ukkaamsun hidhuu fi hidhaa baasuun adda waraanitti ergaa jiraachuun dhagahame.
ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2022
Oromummaa dhabamsiisee Itoophiyumma ijaaruuf kan ifaaju mataan nafxanyoota Abiy Ahmed waraana isa godinaale Oromiyaa keessatti bobbaasun qeerroo oromoo ajjeesun cinatti dirqiin qabuun leenjii gaha malee waraanatti oofuun qoraan abiddaaf qophaa’e godhaa jira.
Onkoloolessaa 8,2022 waaree boodaa magaala Adaamaa naannoo Yuniversitiitti ilmaan Oromoo lakkoofsaan 16 ta’aan osoo hiriyoonnii, maatii fi firoottaan duukaa boo’ani konkolaatatti fe’uun dhabamsiisan.
Magaalaa Adamaa keessatti tikoonnii bilxiginnaa hedduminan bobbaafamuun ilmaan Oromoo godinaalee Kibbaa fi Lixa irraa dhufan adamsani qabuun dhabamsiisa jiru.
Kana malees magaala Adaama keessatti galgala Sa’a 12 boodaa nama daandirratti argan cufa uleen dhaanuun jiraattota gidirsaa jiraachuun beekame jira .
Godina Baalee baha ona Gurraadhaamole keessa jiraattoonni hidhattoota Somaaleetiin buqqaafaman magaala Roobee keessatti rakkacha jiru.
ONM-ABO Onkoloolessa 10,2022
Murni bilxiginnaa Ummata Oromoo irraa amantaa dhabuun saboota ollaa hidhachiise irra kakasuun gidirsee bulchaa jira.
Haaluma kanan godina Baalee baha ona Gurraadhaamole gandoota akka Habroona fi kaannen biroo keessa Lola hidhattoonni Somaalee Onkoloolessaa 3,2022 irratti bananiin qe’ee isaanirraa buqqaafaman yeroo ammaa gargaarsa dhabuun magaala Roobee keessatti rakkacha jiru.
Akka maddeen keenya magaala Roobee jedhanitti jiraattoonni kun balbala mana Amantaa fi daandirratti akka argaman himuun ummatni magaala Roobee fedhii isaatin nyaataa, uffata fi deggersa biroo akka gochaafi jiran himaniru.
Ummata qe’e isaa irraa hidhattoota Soomaleetiin buqqaafaman kana deggeersa gochuufinis ta’e gara qe’ee isaanitti deebisanii qubsiisuf yaaliin gama bilxiginnaan taasifame hin jiru jechuun murni maqaa Oromootin aangoorra jiru Ilmaan Oromoo akka bakka hin buune miiraa gaddaan guutamun Arraata Biyyoolessa Oromiyaattii himaniru.i
Waraannii garbooffaatan PP Godina gujii lixaa Aanaa Bulee Horaatti namoota nagaa 4 ajjeesuun, Aanaa Galaanaatti ammoo manneen uummataa 7 guban.
ONM-ABO Onkoloolessa 10,2022
Ilmaan oromoo ajjeessuu,hidhuu Fi manneen gubuun akkasumas qabeenyaa ummaata sammuun tiksitootni sirna bilxiginnaa , impaayerittii badiisa irraa baraaruuf Akka furmaatati fudhaachun hojjecha jiru gocha badii isaa itti fufuun ilmaan Oromoo jireenyaa gadadoof saaxilaa jira
Waraanni shororkeessaan bilxiginnaa godina gujii lixa aanaa Bulee Horaa Ganda carii saphaliisaa magaala biddummaatti Onkoloolessa 9, 2022 namoota afur dhimma dhuunfaa isaaniif karaa deemaa jiran yakka tokko malee ajjeesaan
Namoonni ajjeefaman kunneenis,
1.Barsiisaa Gammadaa Jiloo Huxulee
- Waaree Footee Jiloo
3.Ji’oo Waaree Footee
4.Danboobii Kiraanchaa Kan jedhaman badii tokko malee Sababaa oromummaa isaani qofaf waraana shororkeessaa Abiyii Ahmedin ajjeeffaaman
Oduu biraatiin ammoo, onkoloolessa 8, 2022 waraanni gabroofataa Itoophiyaa uummata hiraarsuuf Bobbaafame Aanaa Galaanaa ganda yabaasireetti manneen qonnaan bultoota Oromoo 7 qabeenyaa mana keessa waliin ibiddaan gubee barbadeessuun qonnaan bultoota kana daa’immaan isaani waliin bakkeeti hambisuu
jiraattotni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaati himan
Akka Jiraattonnii jedhanitti manneen qonnaan bultoota Ibiddaan gubuu cinaatti Waraana shororkeessaa Itoophiyaa kun horii uummataas qalatee nyaachaa turuu dubbataniiru.
