Godina baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti deggersa murna bilxiginnaan faannoon Amaara loltoota haara leenjisaa jiraachun saaxilame.
ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2022
Maqaa perezedaanti mootummaa naannoo Oromiyaatiin aangoorra kan jiru Cundhuraan Shimallis Abdiisaa waraana bilisummaa Oroomo qofaa keenyaa loluu hin dandeenyu maqaa jedhuun deggersa waraana naannoo Amaaraa irraa kadhachuun ilmaan Oromootti bobbaasun ajjeesisa, saamsisa fi qe’ee irra buqqisisuun Ummata Oromoo gidirsaa jiru.
Hidhattonni faannoo kun humna guddaadhan gara baha Wallaggaa fi Horroo Guduru Wallaggaa tti bobbaafamuun jiraattota bahaf gala dhorkaa turan.
Haaluma kanan irree fi gaachaannii Saba Oromoo WBOn Zoonii lixaa tarkaanfii humnoota faannoo kanaratti fudhateen loltoota dhibbootan lakka’aman harkaa fixuun kan lubbuun hafan laga Abbayyaa ce’uun gara Goojjamitti baqatan.
Dabballoonni pp godina baha Wallaggaa Ona Guutoo Giddaa keessatti humnoota badii faannoo kana ofitti qabuun baajetaa fi lafa leenjiif ta’u qoodee kennuufin onuma Giddaa Ayyaana ganda Meexxii bakka addaa Addisalem jedhamutti humna haara leenjifachaa akka jiran iccitiin keessoo Waajjira bilxiginnaa ona Giddaa Ayyaanaa ti bahe Saaxilera.
Dabballoonni ona Guutoo Giddaa maqaaf oromummaa himatan diinaaf haala mijeessuun ummata ofittii bobbaasani ficcisiisun seenaa hin dagatamne ol keewwacha jiru.
