Godina Baha Harargee aanaa Haramayya keessatti waraannii bilxiginnaa Ummatatti dhukaasun nama tokko ajjeesun kaanis madeessan.
(ONM-ABO Onk 12, 2022)
Hidhaattoonni bilxiginnaa maqaa Sakatta’insa jedhuun bakkoota hedduutti keella dhaabun maallaqa, bilbilota fi qabeenyaale biroo jiraattota saamuun jireenya itti hadheessa jiru.
Haaluma kanan Onkoloolessaa 9, 2022 godina baha Harargee aanaa Haramayya ganda Qorkee keessatti konkolaata jumaa fe’atee gara magaalatti imalaa jiru saamuuf yeroo jedhanitti konkolaachisan waan dhaabuu fi dideef konkolaata isaanin ganda Qorkee kaasani hanga ganda Tarreetti ari’an.
Konkolaachisaan konkolaata jumaa Kunis waraannii bilxiginnaa teellan waan bira gahaniif konkolaata dhaabee jiraattotaanis lubbuu keessan baafadha jechuun baqatan.
Waraannii bilxiginnaas jiraattota kanarratti dhukaasun jiraata aanaa Haramayya ganda Qorkee tokko yoo ajjeesan namootni rukutamuun yaalama jiran biroonis jiraachuu maddeen keenya magaala Haramayya ibsani jiru.
