• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Harargee ona Gammachiis keessatti ilmaan keessan nuuf kenna waraanatti ergina jechuun kan ijoollee isaani didan mallaqa saama jiru.

Oct 12, 2022

Godina Lixa Harargee ona Gammachiis keessatti ilmaan keessan nuuf kenna waraanatti ergina jechuun kan ijoollee isaani didan mallaqa saama jiru.
(ONM-ABO Onk 11, 2022)
Murni bilxiginnaa kasaaraa dinagdee hamaa keessa jiru sababoota addaa addaa maqaa dhahachuun Ummata Oromoo saamuu jabeessee itti fufee jira
Haaluma kanan baatii Onkoloolessaa kana keessa sirni bilxiginnaa milishoota isaa warra naamusa hin qabne Ummatatti bobbaasun godina lixa Harargee ona Gammachiis araddaa Walarkii keessatti mana jiraattotaarra deemuun ilmaan keessan nuuf keenna jechuun jiraattota gidirsaa jiru.
Dabballoonni fi milishootni pp kun warreen ijoollee hin qabnee fi ijoollee keenyaa dabarsine du’aaf hin laatnu jedhan harkaa qarshii 10000 dirqiin akka kennan akeekkachiisan .
Murni kufaatiifi qileerra jiru kun maqaa birmadummaa biyyaatu sarbame jedhuun goleele Oromiyaa bakkoota hedduutti saamichii geggeeffamaa jiraachuu irra deddeebin gabaasa turuun keenya nii yaadatama.

Leave a Reply