• Sun. Mar 15th, 2026

Godina lixa Harargee ona Ciroo keessatti ilmaan Oromoo murni bilxiginnaa humnaan adda Waraanattii erguu cimsanii jiru

Oct 12, 2022

Godina lixa Harargee ona Ciroo keessatti ilmaan Oromoo murni bilxiginnaa humnaan adda Waraanattii erguu cimsanii jiru.
(ONM-ABO Onk 12, 2022)
Sirni dhufee darbuu impaayeera Itoopiyaa keessatti ilmaan Oromoo gidursuu ,hidhuu fi ajjeesuu kan aadeffate murnii bilxiginnaan amma ammoo ilmaan Oromoo dirqiin qabuun adda waraanitti erguun ficcisiisaa jira.
Sabni guddaan gaanfa Afirikaa Ummatni Oromoo silaa kabajni maluuf ilmaan isaa jalaa gariin ajjeessaa,hidhaa,saamaa fi kanneen lubbuuun hafan Lola isaan hin ilaalanneetti erguun lubbuu lammiiwwan nagaa baasaa jira.
Haaluma kanaan godina lixa Harargee onoota akka Ciroo , Odaa Bultum, Xuulloo fi kanneen kana fakkaatan keessaa Dargaggootaa fi daa’imman umriin waraanummaaf hin genyee osoo maatin duukaa bo’anii humnaan maatii gariin reebuun gara waraannatti erga jiru.
Onoota godina lixa Harargee keessa ilmaan Oromoo dirqiin qabaman Onkoloolessaa 11, 2022 konkolaata TATA 16, Minibuse 18 , ISUZU 11 walitti qabuun gara dirree waraanatti ergani jiru.
Murni gara laafina hin qabne kun bakkoota hedduutti ilmaan Oromoo qabuun maatiin qarshii 10000-20000 kaffaluun ilmaan isaani akka baafatan maddeen onoota garaagaraa ibsani jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading