Ibsa Gaddaa Qeerroo Bilisummaa Oromoorra kenname.
Yeroodhaa gara yerootti Impaaayera kufte suphuuf sirna dhabdummaa daraaraa jiruun, Daa’immaanii hanga maanguddootti yakka tokko malee rasaasaan ajjeefamaa jiru.
Keessattuu, Dargaggoonni Oromoo yeroo garaa garaa sirnoota darbaniin dararamaa turan ammammoo adaamfamuun ajjeefamaa jiru. Barreessaa Kitaaba Afaan Oromoo akkasumas, Falmaa Mirga Dhala Namaa kan ta’e Dargaggoo Mo’iiboon Baqqalaa Caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti dirqamoota adda addaa kan ba’ataa ture, Onkoloolessa 12, 2022 galgala naannoo sa’a 1:00pmtti qarqara Magaalaa Finfinnee naannoo Saansuusii jedhamuun beekamutti rasaasaan ajjeefame.
Rasaasaan ajjefamuu Gameessa Qerroo Bilisummaa Oromoo Dargaggoo Mo’iboon Baqqalaan gadda guddaa nutti dhagaa’ame ibsanna. Dargaggoota ol adeemoo karaa malee balfitoota Oromummaan ajjechaan irratti godhamaa jiru ammas qaamni walabaa qoratee seeratti akka dhiheessu gaafanna!
Maatii isaa, Firoottanii fi Uummata Oromoo maraaf jajjabina hawwina.
Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Oromiyaa
Onkoloolessa 13, 2022

