Baha Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti maqaa eegumsa galgalaan uummata rakkisaa jiru.
ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2022
Torbe kana keessa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti Waraanni Bilisummaa Oromoo fi TPLF waliin ta’uun murna bilxiginnaa kuffisuuf hojjechaa jiru jechuun maree hawaasaa erga geggeessaniin booda hawaasichatti dirqama isaan hin ilaallane itti kennuun rakkisaa jiru.
Murni bilxiginnaa magaalicha uummata hojii daldalaa isaa malee hin beekneen namoota fuula haaraa fi waraqaa eenyummaa hin qabne qabaatii nutti kennaa jechuun hojii qaamotni hidhatoon hojjetan hawaasni harka duwwaa akka hojjetu itti himan.
Kana malees gandoota magaalattii cufa keessatti hawaasni galgala galgala eegumsa ba’uun akka naannoo isaa eeggatu dirqisiisaa fi ibsaan seensa karraa irraa akka hin dhamne akkasumas mukkeen nama dhoksuu danda’an akka muran dirqisiisaa jiru.
Murni bilxiginnaa magaalaatti keessatti kana kan gochaa jiruuf ijaarsa Waraana Bilisummaa Oromootu jira jechuun caasaan sun dukkanaa fi wantoota da’oo godhachuun aanga’oota bilxiginnaa irratti miidhaa uuma jechuun yeroo ta’u qilleensa magaalaa Dirree Dhawaa akka malee oo’uu keessatti mukkeen namootni rakkatanii balbala isaanii duratti guddifatan mursiisuu isaaniitti uummatni bal’aan gadduu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
