WBOn Lixa Shaggar ona Meettaa Wal Qixxee keessatti tarkaanfii fudhateen aanaa keessaa diina buqqise.
ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii guggubduu har’a ganama Onkoloolessa 19, 2022 fudhateen waraana bilxiginnaa lixa Shaggar ona Meettaa Wal Qixxee keessaa buqqise.
Lola ganama bariin ona Meettaa Wal Qixxee magaalaa Gooroo yookiin Kurupheetti eegaleen irree fi gaachanni uummata Oromoo magaalicha keessaa ergamtoota Abiy Ahimed buqqisuun injifannoon kan eegalan yoo ta’u lolicha ittuma fufuun magaalaa aanichaa Eelaa keessaa buqqisuun magaalicha dhuunfatanii turan.
Haa ta’u malee murni bilxiginnaa loltoota lafoo isaan injifatame irra aanuuf haleellaa xiyyaara nama maleeyyii yookiin diroonii fayyadamuun hawaasa magaalichaa rukkuchuun miidhaa qaqqabsiisuun isaa barameera.
Guutuu gabaasa kanaa odeeffannee walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof!
