• Thu. Mar 19th, 2026

Yeroo garagaraatti kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa qonnaan bultoota hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan dirqamaan qabuun milishaa fi caasaa mootummaa gochaa jira

Oct 19, 2022

Yeroo garagaraatti kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa qonnaan bultoota hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan dirqamaan qabuun milishaa fi caasaa mootummaa gochaa jira.

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022

Lixa Oromiyaa godina lixa Wallaggaa aanoota akka Begii, Qondaalaa fi Baabboo Gambeel gandoota aanoota kanneenii keessaa hojjetan murni bilxiginnaa maatii kaabinootaa fi milishootaa guyyaa dheengadda jechuun Onkololeessa 17, 2022 konkolaataan guuruun magaalaa Gimbii naannoo Sarxee qubachiisanii jiru.Namoota kana murni bilxiginnaa konkolaataa gurguddaa afurii fi Sino track sadiin fe’uunii buusuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Bulchitootni bilxiginnaa bakka deemanii yaaddoo uummata nagaa gidduutti uuman maatii nagaan hawaasa gidduu jiruutu sobaa sodaachisanii magaalaa keessa qubsiisuun tajaajila siyaasaaf oolfachaa akkasumas maallaqa ittiin kadhachuu aadaa godhataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading