Waraanni bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Birgeediin Risaa Laga Mugar tarkaanfii fudhateen diina du’aa fi madoon Adabee!
ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii giddu galeessaa godina Lixa Shaggar ona Meettaa Walqixxee magaalaa Gooroo, Magaalaa minaaree fi Maagaalaa aanichaa kan taate Eela keessatti kaleessa Onkoloolessa 19, 2022 ganama barii sa’a 12:0On Birgeediin Risaa Laga Mugar mooraa waraana bilxiginnaatti cabsuun tarkaanfii fudhateen injifannoo cululuqaa gonfatee jira.
Lola sa’a wal fakkataatti fudhatameen diina magaalaa Gooroo keessa turte akka salphaatti du’aa fi madoon adabee kan qulqulleesse yoo ta’e diinaa magaalaa aanichaa keessa turte guutummatti magaalicha keessaa baasee ture.
Abdii kutatan murna bilxiginnaa xiyyaara waraanaa diroonii jedhamu fayyadamuudhaan lubbuu fi qabeenya uummataa irraa gaaga’ama geessiseera.
Hanga ammaatti uummanni nagaa fi ijoollee mana barumsaati baatu irratti haleellaa murni faashistii kun fudhateen namootni 16 reeffisaanii yoo adda ba’u namootni biroon qaamni ciccituun wallaalameera.
Lola kaleessaa kanaan WBOn humna diinaa kuufamee aanicha ture 70 battalatti yoo ajjeesu 45 ol madoon adabee jira.
Qawwee AKM 50 ol meeshaalee waraanaa garaagaraa waliin dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoof galii godhee jira.
Bilisummaa dhugaan afaan qawween dhufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
