Bulchiinsa Magalaa Finfinnee naannoo Birbirsa Goorootti humnootni finxaaleyyii leenjii kennaa jiraachuun dhagaa’ame.
Humnootni finxaaleyyii uummata Oromoo Oromiyaa keessaa balleessuu barbaadan maqaa Faannoo jedhuun bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Piyaasaa yookiin Birbirsa Goorootti leenjii kennaa jiru.
Leenjiin humnoota Faannootiif kennamaa jiru kun manneen Amantaa Ortodoksii da’oo godhachuun akka ta’e maddeen himuun leenjiin kun uummata Amaaraan ittiin tiksuuf jedhan.
Keessayuu Waraanni Bilisummaa Oromoo Finfinnee jalaa hanga naannoo Sulultaa fi Galaanitti lolaa waan jiruuf dhiibbaa WBOn lolaan uumaa jiru dura dhaabbachuufis karoorfatanii hojjechaa jiru.
Yeroon leenjii isaanii halkaan sa’a 6:00 -9:00 yeroo ta’u meeshaa waraanaa kilaashii hanga isnaayipperii fayyadamuun leenjii waraanummaa gaggabaabaan kennamaafii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
