Iraan diroonii Itoophiyaaf dhiyeessuu Ameerikaan ibsite.
Waraana impaayera Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru irratti dirooniilee gargaarsaan argatan fayyadamaa turuu Ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Let. Jen. Yilmaa Mardaasaa waggaa 1 dura dubbatanii kan turan yoo ta’u, biyyoonni armaan dura deggersa dirooniin Itoophiyaa bira dhaabbataa turan Turkey fi Chaayinaa ture.
Lola amma kaaba impaayerattii fi Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru irratti Dirooniin biyya Iraan Mojaahar 6 jedhamu hirmaachuu Itti aanaan Dubbii Himaa Ministera Dhimma Alaa Ameerikaa Veedaantii Paateel himaman.
Mootummaan Itoophiyaa waraana gareewwan finciltootaa wajjiin adeemsisaa jiru irratti dirooniiwwan waraanaa biyyoota alaa kanneen fayyadamuun haleellaa raawwataa turee kan jedhan Itti Aanaan Dubbi himaa kun, Iraan xiyyaaroota nama-malleeyyii kanneen biyyoota lamaaniif jechuun Itoophiyaa fi Raashiyaaf kan ergite yaada murtoo Mana Maree Nageenya Dhaaabbata Mootummoota Gamtoomanii lakkoofsa 2231 cabsuudhaan’’ jedhaniiru.
Akkaataa yaada murtee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii lakk. 2231tti Iraan mana maree Nageenya Mootummoota Gamtoomaniitiin dursitee hayyama yoo argatteen alatti tajaajilootaa fi meeshalee teeknoolojii gara biyyoota birootti dabarsuu hin dandeessu kan jedhan qondaallii Ameerikaa kun, “biyyoonni hundi qabeenyi dhaabbata kanaa akka hin sochooneef dhorkuu qabu” jedhani jiru.
