Injiiner Daani’eel Gammadaa magaalaa Finfinnee keessatti tika mootumma PPn ukkaamfamuun dhagaa’ame.
ONM-ABO onko 25, 2022
Sirni Oromummaa balleessuuf wal qindeesse bilxiginnaan ilmaan Oromoo qaqqaalii filee ajjeesu, hidhuu fi reebuun rakkoo fayyaa irraan ga’uu akkuma tti fufetti jira. Kaleessa Onkoloolessa 24, 2022 magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Gullallee keessatti Injiiner Daani’eel Gammadaa humna tika bilxiginnaan ukkaamfamuu maddeen keenya magaalaa Finfinnee ibsani jiru.
Injiner Daani’eel Gammadaa nama hojii tola ooltummaa hojjechuun beekamu, hiyyeessootaaf mana kan ijaaruu malee tuttuqaa siyaasaa kamiyyuu akka hin qabne maddeen keenya dabaluun ibsaniruu. Gocha kanatti aaruun impaayeera Oromummaan keessatti yakka taate kana tokkummaan itti duullee kufaatii isheetti xumura gochuun Oromiyaa walabaa ijaarrachuun amma kan jedhan Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Finfinneeti.
